Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD), keessummoota biroo waliin ta'uun mallattuu danda'uu Itoophiyaanotaa kan ta'e Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa eebbisaniiru.
Hoggantoonni biyyoota Afrikaa fi bakkabuutonni hoggantoota Kaariibiyaan eebba hidhichaa irratti argamuudhaan Itoophiyaanota waliin gammachuu qooddataniiru.
Sirna eebba Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa kana irratti pirezidaantiin Jibuutii Omaar Geelee, kan Sudaan Kibbaa Saalvaakiir Mayaardiit, kan Somaaliyaa Hasan Sheek Mahammad, pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo, ministirri muummee Baarbeedos Miyaa Mootilii, ministirri muummee Siwaatilii Miisoo Dilaamiinii, akkasumas durataa'aan Komishiinii Gamtaa Afrikaa Maahimuud Alii Yusuufii fi Barreessaa ol'aa Itti aana fi Komishiinii Dinagdee Afrikaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti hogganaa ol'aanaan Kilaavar Gaateetee argamaniiru.