Barbaaduu

Buufanni Xiyyaaraa Bishooftuu bara 2030tti tajaajila balalii idil addunyaa eegala

Sep 11, 2025

Hogganaa ol'aanaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa obbo Masfin Xaasoo, ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu waggoota 5 keessatti xumuramee tajaajila balalii idil addunyaa kennuu eegalu karoorfame jedhan.
Xumuramuun buufata xiyyaaraa haaraa kun Indaastirii Aviyeeshinii Itoophiyaatiif guddina ol'aanaa kan fidu ta’uu ibsaniiru.
Daandiin xiyyaaraa kun buufata xiyyaaraa babal’isuu fi daandii balalii haaraa banuudhaan sadarkaa ol'aanaa irra akka jirus hubachiisan.
Bara baajataa 2018tti ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu haaraa eegaluuf qophiin xumuramuu ibsan.
Qonnaan bultoota iddoo buufanni xiyyaaraa kun ijaarramurraa ka'aniif gara bakka haaraatti ceesisuuf ijaarsa manneenii xumuramaa jiraachuu fi ijaarsa buufata xiyyaaraa kanaafis faayinaansii barbaadamaa akka jiru ibsaniiru.
Buufatni xiyyaaraa idil-addunyaa Bishooftuu, buufata xiyyaaraa ammayyaa kan qabu ta’uu fi buufata xiyyaaraa gurguddoo addunyaa keessaa tokko ta' jedhan.
Buufanni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu yeroo hojii eegalu Buufanni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee irraa haalaan fooyya’ee balalii biyya keessaatiif sadarkaa tajaajila idil-addunyaa akka kennu ibsaniiru.