Pirezdaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, dhaloonni har'aa dhaloota addaa seenaa hojjechaa jiru ta'u, xumuramee eebbifamuu hidha haaromsaa Itoophiyaa guddicha hordofee sosochii qaamaa hoggantoonni fi hojjettoonni Maatummaa Naannoo Oromiyaa geggeessaa jiran irratti argamuun dubbatan.
Barri kun bara injifannoo addaa ta'uu fi dhaloonni tokko seenaa kan himu, seenaa kan barreessuu akkasumas seenaa kan hojjetu waan ta'eef dhaloonni har'aa seenaa dhaloota boonsu hojjechuu himan.
Uummanni Oromoo hacuccaa bara dheeraa isarra ture aarsaa dhiigaa, dafqaa, imimmaanii, akkasumas qabeenya isaa, humnasaa, beekumsaa fi dandeettii isaa qindeessuun injifannoo addaa galmeessuu eeran.
Kana malees uummanni Oromoo fuula isaa, humna isaa qabeenya isaa gara misoomaatti deebisuun kutannoo ol'aanaan hojjechaa jiraachuu himan.
Aggaammii alaa fi keessaa isatti dhufu waloon injifachuu danda'uus ibsan.
Kanaaf dhaloonni kun dhaloota addaa seenaa hojjechaa jiru ta'uu fi Pirojeektiin Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi Copha imimmaanii, dhiigaa, dafqaa uummataatiin hojjetamee xumuramuu himaniiru.
Dhaloonni kun dhaloota waan yaade galmaan gahuu, waan karoorse xumuruu fi keessattu Oromoon biyya bulchuu danda'uu qabatamaan kan itti dhugoomse ta'uu eeran.
Odeeffannoo kan Biiroo Koomunikeshinii Oromiyaati