Jalqabbii bayyanachuu fi tokkummaa kan ta'e eebba Hidha Haaromsa Itooohiyaa Guddicha ilaalchisee hiriirri deeggarsaa fi galateeffannaa magaalaa Asoosaatti gaggeeffameera.
Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz obbo Ashaadlii Hasan, Itoophiyaan injifannoowwan addunyaa ajaa'ibsiisan galmeessisuu ishee himan.
Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi ji'oopolotikaa kan jijjiire, yaada hin danda'amu jedhu kan cabsee, jalqabbii bara bayyanachuu Itooohiyaa ta'uu ibsaniiru.
Nasiraddiin Hamiidtu gabaase