Barbaaduu

Xumuramee eebbifamuu Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Guddichaa sababeeffachuun magaalaa Tarcaatti hiriirri deeggarsaa bahame

Sep 15, 2025

Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi milkiin xumuramuu sababeeffachuun, Naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa magaalaa Tarcaatti hiriirri deeggarsaa bahameera.
Kutaaleen hawaasaa adda addaa aanaa Tarcaa fi Bulchiinsa magaalaa Tarcaatii walitti dhufan, dhaadannoo garaa garaa qabatanii bahuun gammachuu isaanii ibsataniiru.
Hiriira kana irratti abbootiin amantaa, maanguddoonni, hayyoonni, dargaggoonni, daa’imman, miseensonni hawaasaa dhaabbilee hawaasummaa adda addaatiin bakka bu’an hirmaataniiru.
Haaluma walfakkaatuun naannoo Affaaritti kutaalen hawaasaa garaa garaa hiriira deeggarsaa bahuun gammachuu isaanii ibsataniiru.