Barbaaduu

Ministirri Muummee Itti aanaa Tamasgn aXurunaa, hoggantoota Mana Marii Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa waliin mari’atan

Sep 15, 2025

Obbo Tamasgan Xurunaa hoggantoota Mana Maree Olaanaa Dhimma Islaamummaa Itoophiyaa haaraa filataman waliin marii taasisaniiru.

Ministirri Muummee Itti aanaa obbo Tamasgan Xurunaa filannoo Majliisaa guutuu biyyaatti milkaa’inaan akka gaggeefamuu hawaasni Musliimaa fi hoggantoota mana marichaas carraaqqii taasisaniif dinqisiifataniiru.
Filannoon Majlisa guutummaatti nagaan, hunda kan hammate, haala hirmaachisaa ta’een gaggeeffamuun isaa kan irraa baratamu ta’uu hubachiisaniiru.
Mootummaan dhimmoota waloo biyyaalessaa irratti hoggantoota Mana Marii Waliigalaa Dhimmoota Islaamumaa Itoophiyaa waliin walitti dhiheenyaan kan hojjetu ta’uu, akkasumas mootummaan deeggarsa barbaachisu hunda akka taasisu ibsaniiru.
Ministirri Muummee Itti aanaa obbo Tamasgeen Xurunaa hoggantoota mana marichaafis bara aangoo milkii hawwaniiru.