Barbaaduu

Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi Afrikaa keessatti seeneessa hin dandeessan jedhu kan jijjiredha - Mu’aaza Xibabaat Daaqon Daani’eel Kibrat

Sep 15, 2025

Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi Afrikaa keessatti seeneessa hin dandeessan jedhu kan jijjiredha jedhan Ministirri Gorsaa Dhimma Hawaassummaa Ministira Muummee, Mu’aaza Xibabaat Daaqon Daani’eel Kibrat.
Mu’aaza Xibabaat Daaqon Daani’eel Kibrat turtii EBC FM Addis 97.1 waliin taasisaniin, Itoophiyaan injifannoo Adwaatii kaasee hanga hidha haaromsaatti Afrikaanota irratti seeneessa hin dandeessan jedhu jijjirtee agarsiifteetti jedhan.
Itoophiyaanonni abjuu bara dheeraa Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Guddicha dhugomsuu danda’aniirus jedhan.
" Seeneessa Itoophiyaa Hidha Haaromsaa duraa fi boodaa ibsuu dandeenya" kan jedhan Mu’aaza Xibabaat Daaqon Daani’eel Kibrat, "Kana jechuun isaan hin dandeesan jedhan, nutis hin dandeenyu jenne; Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Guddicha booda garuu akka dandeenyu agarsiifne, isaanis ni dandeessu jedhan" jechuudhaan ibsaniiru.