Tapha torbee 7ffaa Laaligaa Ispeen, Darbii Maadriidiin, taphni Atleetikoo Maadriid fi Riyaal Maadriid gidduutti Istaadiyeemii Waandaa Meetroo Poolitaanootti taphatamu ni eeggama.
Riyaal Maadriid taphoota 6 taphate moo'achuudhaan qabxii 18n Liigicha dursaa.
Tapha har'a dirree isaatiin alatti taphatu kanaanis falmii guddaatu isa eeggata.
Atleetikoo Maadriid ammoo darbii kanarraa qabxii murteessaa sadi argachuuf sa'aatii 11:15 irratti ni taphata.
Leenjisaan Atleetikoo Maadriid Diyeegoo Simoonii yaada kenneeniin, tapha kana injifachuuf waan danda'an hunda akka godhan dubbataniiru.
Hogganaan Maadriid Zhaabii Aloonsoo gama isaatiin, Darbii kanaaf ofitti amanamummaa garmalee qabaachuun akka hin barbaachifne dubbateera.
Gareen lamaan dorgommii hunda irratti yeroo 240 kan walitti dhufan yoo ta'u, Riyaal Maadriid taphoota 117 injifachuun kan dursaa jiru yoo ta'u, Atleetikoo Maadriid ammoo taphoota 60 injifachuun yeroo 63 ammoo qixa baheera.
Taphatyoonni Riyaal Maadriid Antoonii Ruudigar, Aleeksaandar-Arnooldii fi Feerlaand Meendii sababa miidhamaatiin tapha kana irratti hinhirmaatani.
Taphattoonni Atleetikoo Maadriid Tiyaagoo Almaadaa fi Hiimiineez ammoo tapha kanarratti hinhirmaatani.
Sagantaa taphoota biroo har'aatiin, Geetaafeen Leevaantee waliin sa'aatii 9:00tti, Maayoorkaan Alaavees waliin galgala sa'aatii 1:30tti, Viyaariyaal Atileti Bilbaa'oo waliin galgala sa'aatii 4:00tti ni taphatu.