Sadarkaa itti aanaa pirezdaantiitti qindeessaan kilaastara hawaasummaa Oromiyaa obbo Saadaat Nashaa, ayyaanni Irreechaa ayyaana nagaan, araarri, galateeffaannaa, tokkummaa fi jaalalli itti labsamu ta'uu himaniiru.
Kanaaf saboonni biyya kanaa hundi irratti hirmaachuun hariiroo hawaasummaa cimsuun tokkummaan biyya ijaaruu akka qabaniif hojiin bal'aan hojjetamaa turuu eeran.

Bara kana Irreechi bayyanachuu biyyaa akka ibsuu, dinagdee akka sochoosu, kalaqa akka agarsiisuu fi omishalee dhihaatan beeksisuun sona Irreechaa dabaluun murteessaa ta'uu ibsan.
Kantiibaa Itti aanaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee obbo Jaanxiraar Abbayi gama isaaniin, Irreechi uummata Oromoo biratti dukkana darbanii ifatti ba'uun jaalala, tokkummaa, araaraa fi galateeffannaan kan itti taasifamu ta'uu dubbataniiru.
Finfinneen Konfiraansii idil- Addunyaa gurguddaa qopheessuun haala mijataa, uumuu, aadaa fi duudhaa uummata Itoophiyaa agarsiisuu, amantaalee garaa garaaf haala mijataa uumuun karaa nagaa fi walooma uummata biyya kanaa dhugoomsee akka geggeeffamu haala mijataa uumuu ishee eeraniiru.