Barbaaduu

Sirni beekkamtii kennuu kaffalaa gibiraa amanamoo marsaa 7ffaa kaleessa bakka Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) argamanitti raawwatameera

Oct 08, 2025

Sirni kun bara 2010 Ministira Muummeetiin kan eegalame yoo ta'u, lammiilee yeroo fi amanamummaadhaan dirqama gibiraa lammummaa isaanii kaffalan jajjabeessuuf kan kaayyeffamedha.
Bara kana kaffaltoota gibiraa 700 ta'aniif beekkamtiin kennameera.
Bara 2017tti akkaataadhuma gumaacha isaanii irratti hundaahuun kaffaltoota gibiraa 105 sadarkaa Pilaatiiniyeemii, 245 sadarkaa Warqii, 350 ammoo sadarkaa Meetii badhaafamaniiru.
Gumaacha waliinii isaaniitiinis bara hojii eerametti gibira birrii biiliyoona 900.22 walitti qabuun danda’ameera.
Kana malees Ministeerri Galiiwwanii fi Komishiniin Gumurukaa, sirna dijitaalaa sassaabbii gibiraa gahumsaa fi iftoomina qabu hojiirra oolchUu eegalaniiru.
Isaan keessaa Sirna Nagahee Elektirooniksii, Sirna Bulchiinsa Gumurukaa Elektirooniksii fi Sirni Hordoffii fe’umsa Elektirooniksii ni argamu.