
****************************
Galiin waliigalaa dinagdeen Itoophiyaa waggaatti maddisiisu birrii Tiriiliyoona gahuu Ministeerri Galiiwwanii beeksise.
Galii dinagdeen biyyattii maddisiisaa jiru kana ammoo haalaan walitti qabuun akka barbaachisu Ministirri Galiiwwanii Ayinaalam Nigusee hubachiisaniiru.
Ministeerri Galiiwwanii danqaawwan damicha keessa jiran furuu fi kallattii hojii gara fuulduraa akeekuuf giddugala leenjii akkadaamii hoggansaa Afrikaatti qooda fudhattoota waliin mari’ateera.
Ministirri Galiiwwanii Ayinaalam Nigusee, biyyattiin saffisa ol’aanaan guddachaa jiraattus hojmaanni taaksiii hojiirra oolaa jiruu fi hammi taaksii walitti qabamaa jiru haalaan akka hin guddatiin dubbataniiru.
Hojmaanni taaksii yeroo yeroon fooyya'aa dhufus waliin dhahiinsa taaksii guutummaatti hambisuun hin danda'amne jedhaniiru.
Kanaafuu qooda fudhattoonni damichaa hanqinoota bara darbe muudatan furuu fi ciminoota jiran itti fufsiisuun karoora galii bara 2018 milkeessuuf humna guutuu fi kutannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uun eerameera.
Ministirri Galiiwwanii Ayinaalam Nigusee dabalatee Komishinarri Komishiinii Gumrukaa Dabalee Qaabataa akkasuma pirezidaantonni itti aantonni naannoolee, hoggantoonni damee galiiiwaanii naannolee fi bulchiinsa magaalota lamaanii akkasuma qooda fudhattoonni damichaa biroon waltajjii marii kana irratti argamaniiiru.
Ababaayyoo Kafaniitu gabaase
Galiin dinagdeen Itoophiyaa waggaatti maddisiisu birrii Tiriiliyoona gahe - Ministeera Galiiwwanii
Oct 09, 2025