
**************************
Keep Verdeen biyya xiqqoo waancaa addunyaatiif dabarte ta'uun seenaa galmeesifte.
Biyya tana keessa uummanni jiraatu kuma 500 fi kuma 25n qofaadha.
Biyyattiin biyyoota Afrikaa keessa biyya baayyina uummataa xiqqaa qabdudhas.
Odoloota xixiqqoo garba Atilaantik irratti argaman keessaa tokko kan taate Keep Verdeen, kolonii Poorchugaal jalaa bilisa erga baatee barana waggaa 50ffaa isheeti.
Maarree biyyattiin yeroo waggaa 50ffaa bilisummaa ishee kabajaa jirtu kanatti ijoollen ishee 11 dirree kubbaa miilaa irratti seenaa boonsaa galmeesisaniiru.
Keep Verdeen Waancaa addunyaa bara 2026 Ameerikaa, Meeksikoo fi Kaanadaan waliin qopheesaniif dabarteetti.
Bal’ina lafaa Iskuweer kiiloo meetira kuma 4 kan qabdu Keep Verdeen, seenaa waancaa addunyaa waggaa 96 keessatti biyya lafa xiqqoo irra qubattee hirmannaa dorgomichaa mirkaneefattedha.
Kanaan dura biyyi xiqqoon dorgomichaaf gahuun riikardii qabattee turte bara 2006tti waancaa addunyaa Jarmanitti taphatameen Tiriinidaadii fi Toobeegoo turte.
Gama lakkofsa uummataan ammoo Ayislaand uummata kuma 300 qabattee bara 2017titti waancaa addunyaa Raashiyaa irratti hirmaatetti aanun biyyaa 2ffaa baayyina uummata xiqqaan waltajjii guddaa kubbaa miilaa addunyaaf dabarte taateetti.
Gulaallii waancaa addunyaa Zoonii Afrikaan ramaddii D jala kan turte Keep Verdeen bu'aa bahii heedduu keessa darbuun abjuu ishee milkeefatte.
Biyyattiin taphoota 10n ramaddii kanaan taphatte keessaa 7 injifattee lama qixaan baatee tokkoon moo'amuun qabxii 23n tikkeetii waancaa addunyaa muratte.
Ramadichaa keessa biyyi Andiree Onaanaa fi Biriyaan Mbemoo Kaameruun argamtus Keeppi Verdee waancaa addunyaa irraa hambisuu hin dandeenne.
Tapha ramaddii xumuraan kaleessa Istaadiyeemii biyyaleessaa Keep Verdeetti Eswaatinii kan keessumeesite biyyattiin goolii 3 fi1n injifatte.
Guyyaa seena qabeessa kana ammoo lammiilee biyyatti kumaatamaan lakkaawwaman dabalatee pirezidaantiin biyyattii Joozee Maariyaa Peereez Istaadiyeemitti argamuun hordofaniiru.
Lammiileen biyyattii injifannoo biyya isaanii erga dhagahanii booda magaalaa guddittii isaanii Piriyaatti gammachuu isaanii ibsataniiru.
Pirezidaantiin waldaa Federeeshinota kubbaa miilaa addunyaa Jiyaan Infaantiinoon erga gammachuu lammiilee biyyattiif dabarsaniiru.
Keeppi Verdeen kubbaa miilaan kan milkoofte halkan tokkoon miti.
Biyyattiin waggoota 15nan darban kubbaa miilaa irratti sirnaan invast goote.
Keessattuu bu'uuraalee misoomaa kubbaa miilaa babaldhisuu fi guddina Ispoortii guddatoota irratti xiyyeefannaan hojjachuun isaan milkeesee jira.
Waancaa Afrikaa irrattis yeroo jalqabaaf bara 2013 irratti hirmaachuun yeroo lama nuusa xumuraaf geetteerti.
Waggoota shanan darban garicha leenjisaa kan ture taphataan garee biyyaaleessa Keep Verdee duranii Peediroo Birittoo "Baabistaan" garee ittisaa cimaa "taaktika" qindaahaa fi saffisaan gara fuulduraa deemu gurmeessuu danda'eera.

Taphatoonni garichaa muuxannoo idil-addunyaa qaban kanneen akka Riyaan Meendez, Diylaan Taavaareez, Jaamiroo Monteeyiroo fi Voozinhan milkaahinsa garicha keessatti gahee ol’aanaa bahataniiru.
Afrikaa irraa waancaa addunyaa irratti yeroo 8 hirmaachuun riikkardii kan qabatte Kaameruun, kaleessa tapha ramaddii xumuraa Angoolaa waliin goolii malee bahuun xumurteerti.
Sadrkaa FIFAtiin addunyaa irraa 70ffaa irra kan jirtu biyyi odola xiqqoo tun, akkuma Uzbeekistaanii fi Joordaan yeroo jalqabaaf waancaa addunyaa irratti hirmaatti.
Nuuroo Amaanootu gabaase