Bu'aan Kubbaa Miilaatiin galmaahaa jiru kan nama qaanessudha - Isaayyaas Jiraa
*************************
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa yaa’ii waliigalaa idilee 17ffaa isaa galma walgahii Komishiinii Dinagdee Afrikaatti taa’aa jira.
Pirezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa obbo Isaayyaas Jiraa, bu'aan kubbaa miilaatiin umrii fi saala lamaaniin galmaahaa jiru, namoota fuulduratti haasa'uuf nama qaanessa jedhan.
Qooda fudhattoonni, keessumaa naannolee fi kilaboonni pirojeektota biyyaalessaa kubbaa miilaa biyyattii guddisuudhaaf xiyyeeffannoo kennanii hojjechuun isaanirraa eegamas jedhaniiru.
Bara baajatichaatti dorgommii gareewwan biyyaalessaatiif birriin miiliyoonni 23 baasii ta’uu yaa’icha irratti eerameera.
Kana keessaa ammoo birriin miiliyoona 91 ol Waaliyaawwaniif bahuu isaa Pirezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Isaayyaas Jiraa himaniiru.

Akka biyyaatti Istaadiyeemiin sadarkaa isaa eeggate dhabamuun, ammallee baasii maallaqa guddaatiif saaxilaa jiraachuu pirezidaantichi dubbataniiru.
Federeeshinichi bara baajataa 2017 keessa maddeen garaa garaa irraa galii birrii miiliyoona 300 fi miiliyoona 56 ol kan argate ta’uu fi baasii waliigalaa isaa ammoo birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 96 ol akka ta’e yaa’icha irratti eerameera.
Tamasgan Aallabbaachootu gabaase