Barbaaduu

Dorgommii Maaraatoonii Niiwu Yoork – Atileet Qananiisaa fi Kiipchoogeen kan haalaan irratti eeggaman

Nov 01, 2025

Dorgommii Maaraatoonii Niiwu Yoork – Atileet Qananiisaa fi Kiipchoogeen kan haalaan irratti eeggaman

****************************

Atileetiksii Addunyaatiin sadarkaan Pilaatiiniyeemii kan kennameef Maaraatooniin Niiw Yoork boru, Onkololeess 23, 2018 dorgomama.

Maaraatoonii marsaa 55ffaa kana irratti atileetonni Itoophiyaa koorniyaa lamaaniinuu xiyyeeffannoo guddaa argataniiru.

Dorgommii Maaraatoonii Niiwu Yoork boruu kana irratti atileet Qananiisaa Baqqalaa fi Iluud Kiipchoogeen falmii guddaadhaaf eeggamu.

Seenaa Maaraatoonii keessatti sa'aatii saffisaa 3ffaa qabatee kan jiru Qananiisaa Baqqalaa, ammas dorgommii cimaa biraatiif qophaaheera.

Waggaa 43ffaa isaa keessa kan jiru Qananiisaa Baqqalaa, Maaraatoonii Barliin bara 2019 irratti sa'aatii 2 fi daqiiqaa 1f sekoondii 41n xumuruun isaa ni yaadatama.

Dorgomii Maaraatoonii dubartootaatiin ammoo atileet Gootiitoom Gabra Sillasee Maaraatoonii Niiwu Yoork kana ni moo’atti jedhamee tilmaamni guddaan kennameeraaf.

Shaampiyoonaa Addunyaa Iyuujiyaan bara 2022 kan injifate atileet Gootiitoom, atileetota dorgommii kana irratti hirmaatan keessaa sa’aatii saffisaa 5ffaan kan isheeti.

 

Atileetiin Neezarlaandis Siifan Hasanis, dorgommii kana irratti tilmaama guddaa argatteetti.

Atileet Fireehiwoot Daadoo waggaa 14 dura maaraatoonii Niiwu Yook moo’achuun ishee ni yaadatama.