Shaampiyoons Liigii Awuroppaan taphni Liivarpuul Riyaal Maadriid waliinii fi PSG'n Baayernmuunik waliin taphatu ni eeggama
******************************

Dorgommii Waancaa Shaampiyoons Liigii Awuroppaatiin taphoonni Liigii marsaa 4ffaa har'a yoo eegalaman Liivarpuul Anfiilditti Riyaal Maadriiidiin keesumeessa.
Taphni kun xiyyeefannaa addaa akka argatu kan taasise ammoo, taphatoonni Liivarpuul waliin seenaa hedduu galmeessisan lamaan Tireent Aleeksaander Arloondii fi Jaavii Aloonsoon faallaa kilaba isaanii durii ta'anii Anfiilditti deebi'uu isaaniiti.

Turtii Liivarpuul keessatti waggaa 20f dabarseen waancaa Piriimiyer Liigii lama dabalatee Shaampiyoons Liigii Awuroppaas kan injifate Arloond yeroo dhihootti miidhamaan dirreen ala turus tapha har'aa irratti ni hirmaata jedhameet eeggama.
Gareen Jaavii Aloonsoo Riyaal Maadriid David Alabaa, Daanii Kaarvahaal fi Antooniyoo Ruudigeer miidhamaan dhabus taphoota jahan darban hunda goolii lama qofa keesumeessuun injifatee jira.

Loos Bilaankoos taphoota sadan bara kanaa Shaampiyoons Liigii Awurooppaatiin taphatan hunda kan injifatan yoo ta'u, garichi bara 2001/2 fi bara 20023/24 taphoota afur walitti aansee injifate Shaampiyoonii dorgommichaa ta'eera.
Haa ta'u malee taphni har'a garee Liivarpuul taphoota afur booda Astoonviilaa injifachuun hamilee gaarii irra jiru waliin ta'uun isaa hin salphatuuf.
Taphoota sadan bara kana Shaampiyoons Liigii Awurooppaatiin taphatan keessaa lama kan injifatan leenjisaan Liivarpuul Arnee Isloot, Aleeksaander Isaak, Aliisoon Beekaarii fi Firimpoong ammas miidhama irraa dandamachuu dhabuu isaaniin garee Astoonviilaa injifate irraa jijjirama hedduu ni taasisu jedhamee hin eeggamu.

Liivarpuul taphoota Shaampiyoons Liigii Awuroppaa 22 Anfiilditti taphate keessaa 20 kan injifate yoo ta'u, 12 walitti aanseeti.
Haa ta'u malee dorgommiiwwan Awurooppaatiin taphoota toorba dirree isaa irratti ittiin moo'ame keessaa sadi kilaboota Ispeen Baarseloona, Vaaleenshiyaa fi Riyaal Maadriidiin ta'uu isaatiin tapha kana of eeggannoon taphata.
Arnee Isloot taphoota 13 Shaampiyoons Liigii Awurooppaatiin Liivarpuul dursaa taphatan keessaa 10n injifatanis gareen isaanii Riyaal Maadriid waliin goolii otoo hin keessumeessiin bahee waan hin beekneef sarara ittisaa isaanii irratti hojjechuu qabu.

Tapha Astoonviilaa waliin ture irratti yeroo jalqabaaf goolii otoo hin keesumeessiin kan bahe goolii eegan Liivarpuul Joorjii Maarmadaashviileen, har'a garee Shaampiyoons Liigii Awurooppaa irratti yaalii kallattii isaa eeggate hedduu taasisuun 1ffaa irra kan jiru Riyaal Maadriidiin haalan qorama.
Taphattoota seenaa Shaampiyoons Liigii Awurooppaa irratti goolii 50n ol lakkoofsisan keessaa tokko kan ta'e taphataan sarara fuulduraa Riyaal Maadriid Kiiliyaan Mbaappee, tapha dirreedhaan alaa irratti goolii hedduu galchuun riikkardii gaarii waan qabuuf har'as sarara ittisaa Liivarpuul rakkisuunsa waanta hin oolle.

Liivarpuul tapha bara darbe gareeleen lamaan Anfiilditti taphatan injifatus taphoota gareeleen lamaan taphatan keessaa hedduu kan injifate Riyaal Maadriidi.
Taphni garee lamaanii galgala sa'aatii shanitti eegalama.
Sa'aatima walfakkaataatti taphni PSG'n Baayernmuunik waliin taphatu ni eeggama.

Taphoota sadan Shaampiyoons Liigii Awurooppaatiin bara kana taphatan hundaa kan injifatan gareeleen lamaan, Liigii biyyaa isaanittis ol’aantummaa qabu.
Gareen Viinsent Koompaanii Baayernmuunik bara kana taphoota taphate hunda injifachuu danda'eera.
Har'a galgalas Paark Dii Piriinsitti Shaampiyoonii bara darbee PSG qora jedhameet eegama.
Galgala sa'aatii 2:45n irraa eegaluun ammoo taphoota sadan Shaampiyoons Liigii Awurooppaatiin taphatee goolii otoo hin keesummeessin kan injifate Arsenaal, kilaba dorgommichaan hanga ammatti tapha tokko hin injifatiin Raappiid Veenaa waliin taphata.
Taphni Naappoolii fi Interaank Firaankifurtiis sa'aatima walfakkaataatti eegalama.
Galgalaa sa'aatii Shanitti ammoo Tootenhaam Kooppenhaagen waliin, Juuventus Ispoortiing waliin Atileetikoo Maadrid Seent Gaaliwoos waliinii fi Boodoo Gilimit Moonaakoo waliin taphatu.

Nuuroo Amaanootu gabaase