Roonaaldoon waancaa addunyaa injifachuun abjuu isaa akka hintaane hime
**************************

Urjiin lammii Poorchugaal Kiristiyaanoo Roonaaldoo waancaa addunyaa injifachuun abjuu isaa guddaa akka hin taane ibseera.
Dorgommii taphoota shan yookaan jaha qofa tapahatmu irratti waancaa injifachuun sadarkaa gahumsa isaa kan hinmurteessine ta’uu injifataan Baaloon D'Or yeroo shanii Kiristiyaanoo Roonaaldoo dubbateera.
Taphataan sarara fuulduraa Al-Nasr kun gaaffii fi deebii Piirs Morgaan waliin tolcheen, taphataa tokko kabaja taphoota murtaahaan irratti goonfatu qofaadhaan madaaluun sirrii akka hintaane eereera.