Barbaaduu

‘Sir’ Aleeks Fargusan waggaa 39 dura guyyaa har’aa kana Maanchister Yuunaayitid leenjiisuu jalqabe

Nov 06, 2025

‘Sir’ Aleeks Fargusan waggaa 39 dura guyyaa har’aa kana Maanchister Yuunaayitid leenjiisuu jalqabe

*******************************

 

‘Sir’ Aleeks Fargusan, kan Maanchister Yuunaayitid qofa otoo hin taane, yeroo kamiyyuu leenjisaa filatamaa fi adda duree Piriimiyer Liigii Ingilaandi.

Kilabichi humna qabeessa akka ta’u kan godhe leenjisaaSir’ Aleeks Fargusan, waggoota 27 kilabicha keessa ture keessatti dorgommii biyya keessaatii eegalee hanga Awurooppaa fi idil-addunyaatti injifannoo galmeessiseera.

Roon Atkiinsan bakka bu'uudhaan A.L.A bara 1986 Maanchister Yuunaayitid kan fudhate leenjisaan lammii Iskootlaand kun, waggoonni sadan afran jalqabaa qormaata itti ta’anillee, Kilaba waggoota 19f waancaarraa fagaatee ture gara milkaahinaatti deebisuuf namni isa caalaa fooyya’aan hin turre.

Leenjisaan lammii Iskootlaand kun waggoota 39 dura kilabicha akkuma fudhateen waggoota afran jalqabaatti qabxii dadhabaa galmeessiseen ari’amuuf kan gahee ture yoo ta’u, Boordiin kilabichaa garuu yeroo isaa kennuudhaan dhuma irratti milkaahina ol’aanaa galmeessisuu akka danda’e eerameera.

Leenjisaan umrii 83 kun kitaaba seenaa jireenyaa isaa ‘Managing My Life’ jedhu keessatti qormaanni waggoota jalqabaa Oolditiraafoord keessatti isa muudate baay'ee rakkisaadha jechuun yaadachiiseera.

‘Sir’ Aleeks Fargusan waggoota 27 leenjiisaa ture keessatti waancaawwan Piriimiyer Liigii 13 fi waancaa Shaampiyoonsi Liigii lama dabalatee waancaawwan 38 injifateraa.

Lenjisaan garaagarummaa guddaa uume kun Maanchister Yuunaayitidiif taphoota 1,500 irratti hirmaateera.

Leenjisaan buleessi kun waggoota 39 dura, guyyaa har'aa kana, Onkololeessa 27 ture leenjisaa Maanchister Yuunaayitid ta'uun ifatti kan muudame. 

#ebcdotstream #ebcsport #ferguson #manunited