Barbaaduu

Liyooneel Meesiin gidduu kana Baarseloonaatti deebi'uun maaliif boohe?

Nov 12, 2025

Liyooneel Meesiin gidduu kana Baarseloonaatti deebi'uun maaliif boohe?

*****************************

 

Liyooneel Meesiin Baarseloonaan ala kilaba biraatiif taphata jedhee namni tokko hin eegne. Karoora Meesii keessas hin turre.

Bara 2021 garuu otoo hin eegamiin kilaba ijoollummaa isaa irraa eegaluun keessatti guddate kana keessaa bahe.

PSG hatattamaan Liyooneel Meesii fudhachuun hiriyyaa isaa Neeymaar Juuner waliin akka taphatan godhe.

Kiliyaan Mbaappeen waan tureef waancaa Shaampiyoonsi Liigii nuuf injifatu jedhee itti abdate.

Garuu taphattoonni sadan maqaa gurguddaa qaban akka eegaman hin taane. Xumura waancaaf dhaqqabaniiru. Garuu hin milkoofne.

Waliigalteen isaaniis gaarii hin turre. Neeymaar ni bahe. Meesiin gara Inter Maayaamii deeme.

Kilabni Deevid Beekaam, Inter Miyaamiin hundaahee otoo hin turiin yeroo jalqabaatiif akka waancaa injifatu godhe.

Hiriyyoota isaa Baarseloonaa akka Jordi Albaa, Luwis Suwaareez barana ammoo akka eegduu (Body gurad) biraa hin dhabamu kan jedhamu Roodirigoo de Pool waliin taphataa jira.

Meesiin Waancaa Addunyaas injifatee abjuu isaa galmaaan gahateera. Morkattoota isaa biratti akka hanqinaatti waan irratti ka'u hin jiru. Bara kanas MLS keessaa goolii gsalchuun tokkoffaa ta’uun xumuree badhaafaeera.

Meesiitti garuu waan tokko hir'ateera. Baarseloonaa, qehee itti guddate, qehee ijoolleen isaa keessatti dhalatan, qehee keessatti waancaawwan hedduu moo'ate akka hin eegnetti dhabe.

Baarseloonaan Istaadiyeemii haaraa ijaarsisee xumuraa jira. 'Spotyfy' jedhama. Istaadiyeemii ammayyaa guddaadha.

Yeroo inni kilabicha keessaa bahe weerarri Koroonaa waan tureef Istaadiyeemii Kaamp Nuu irratti deeggartoonni isaa hin gaggeessine.

Ammoo Baarseloonaan rakkoo faayinaansii guddaa keessa waan galeef malee Meesiin ''umuriikoo guutuu haga soorama bahutti Baarseloonaaf qofan taphadhan se’e'' jedhe.

Gidduu kana otoo hin beeksisiin Meesiin deemee Istaadiyeemii haaraa ijaarame ''Spotify' daawwate. Karaarra otoo deemuu tasuma namoonni argan.

Hoggantoota kilabichaa qofa seenuuf akka isaaf eeyyamaniif dursee beeksise.

''Guyyaa tokko as nan deebi'a jedhee nan abadadha. Akka taphataa tokkotti nagaatti jechuuf miti......'' jedhe.

Pirezidaantiin kilabichaa Hohaan Laapportaan ammoo guyyaa tokko Meesiin otoo deebi'ee Istaadiyeemii kana irratti taphate nan hawwa jedheera.

Kun Meesiin otoo soorama hin bahiin dura gara kilabichaatti deebi'uu mala jechisiiseera.

Meesiin yeroo umuriin isaa waggaa 12 Baarseloonaatti makame. ''Waaqayyoon nan galateeffadha. Baarseloonaa galuukoo carraa takkaa hin argamne hedduu naaf kenneera. Kubba miilaa qofa miti, akka jireenya dhuunfaatti waan Baarseloonaatti dabarsine hedduu qabna'' jechuun imimmaan isa hudhaa dubbate.

Waggoota 17 ol sadarkaa ol’aanaatti kan taphate Meesiin waancaa hedduu injifateera.

Taphoota 778 Baarseloonaaf taphachuudhaan gooliiwwan 672 Baarseloonaaf qofa galcheera.

Waancaa Laaligaa 10, Shaampiyoonsi Liigii afur Baarseloonaa waliin mo'ateera.

Gaazexaa biyya Ispeen Daariyoo jedhamutti gidduu kana yoo himu, ''Baarseloonaan onnee keenya keessa jira. Yeroo hundaa maatiikoo waliinis waayillan koo waliinis waa'ee Baarsaa ni haasofna'' jedhe.

''Yaanni amma qabnu deebinee magaalichuma keessa jiraachuudha. Achii mana mataa keenyaa qabna. Waan hundi keenya achi jira. Ijoolleenkoo haati warraa koo waa'eema Baarseloonaa haasa'u'' jedhe.

Meesiin “dirqama taanaan malee bahuu hin barbaadu ture. PSG keessatti rakkoon addaa na mudate hin jiru. Waancaa mo'anneerra. Garuu akkan yeroo Baarseloonaa turee gammadee kubba taphachaa hin turre” jedheera.

''Umuriikoo guutuu asitti dabarse. Bara dhumaakoo irra weerara Koroonaatu ture. Deeggartoota malee taphanne. Otoo deebi'ee isaan hin argiin achumaanan deeme. Ergasii gara Baarseloonaatti hin deebine ture,'' jedhe.

Baarseloonaan Istaadiyeemii isaa gara Paawondii biliyoona lama ta’uun yeroo haaromsaa ture Olompiik Istaadiyeem bakka jedhamutti taphataa ture.

Istaadiyeemii Baarseloonaa ammaa gara deeggartoota kuma 100 fi kuma shanii qabata jedhameet eegagma. Haaluma wal fakkaatuun Inter Miyaamiin Istaadiyeemii haaraa bara dhufu bana. gara Paawondii biliyoona tokko ta’uun hojjechiise.

''Inter Miyaamii nan dhufa jedhee yaadee hin beeku. Karoorri koo tapha kubba miilaakoo Baarseloonaa keessatti xumuruu ture. Haalli ture kana naaf hin eeyyamne'' jechuun boohe.

Meesiin Istaadiyeemii Baarseloonaa ijaarame keessa qofaa halkan deemuun daawwataa ture.

Ijoolleen isaas akkaadaamii Baarseloonaa keessa taphataa turan Meesiin Baarsaatti deebi'ee waggoota muraasa taphataa laata?

Odeeffannoon kan BBCti