Yaa'ii addunyaa irraa namoota kuma 70 ol walitti fide
*******************************

Yaa'iin Jijjiirama Haala Qilleensaa Addunyaa yeroo itti aanu bara 2027tti Itoophiyaan akka keessummeessitu filatamte kun, waggaa waggaadhaan guyyoota 12 hanga 15tiif ni taa’ama.
Yaa’iin Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kun waltajjii Dippilomaasii idil-addunyaa ta’uu bira darbee yaa'ii guddaa hirmaattoota kuma kudhaniin lakkaawwaaman addunyaa mara irraa walitti fidudha.
Yaa'ii hirmaattota baay’ee walitti fidu kana irratti garee jila biyyootaa dabalatee waldaaleen Siivikii, miidiyaawwan, akkasumas bakka buutonni dhaabbilee adda addaa ni hirmaatu.

Yaa’iiwwan hanga ammaatti taa’aman keessaa kan bara 2023 itrratti hirmaattonni baayyee ol’aanaadha.
Yaa'ii guyyoota 12f Emireetota Araba Gamtoomaniitti taa’ame kana irratti, biyyoota 190 irraa kan walitti dhufan hirmaattonni kuma 70 ol argamaniiru.
Yaa'ii Dubaayitti aanee hirmaattonni heduun kan irratti argaman, yaa'ii Azarbaajaan magaalaa Baakuutti taa’ame irratti yoo ta’u, yaa’iin kun namoota kuma 56 hirmaachisera.
Sadaffaan yaa'ii Biraazil magaalaa Beeleem keessatti taa’amaa jirudha.

Yaa'ii kana irratti hirmaachuuf namoonni kuma shantamaa ol addunyaa mara irraa walitti qabamaniiru.
Muuxannoo yaa'ii namoota baay’ee walitti fidu kanaarraa ka’uudhaan yaa'ii COP32 Itoophiyaan bara 2027 keessummeessuuf filatamtame kana irrattis namoonni hanga kuma shantamaa ni hirmaatu jedhameet eeggama.
