Leenjisaan Itaalii kallattiin Waancaa Addunyaaf darbuu dadhaban maaliif Afrikaa komatan?
*************************
Leenjisaan Itaalii Genaaroo Gatuusoo torban kana hin gammanne.
Biyyi isaa Noorweyiin 4 fi 1n moo'amuudhaan gara tapha moo'atanii darbuutti ceete. Kallatumaan darbuu hin dandeessu jechuudha.
Waancaa Addunyaa bara 2026 irraas kufuu dandeessi. Waancaa Addunyaa Kanaadaa, Ameerikaa fi Meeksiikoon waliin ta’uun qopheessan irratti Afrikaa irraa biyyoonni sagal hirmaatu.
“Bara ani taphataa ture biyyi qabxii gaarii qabaatee sadarkaa 2ffaan xumuru kamuu kallattumaan waancaa Addunyaatiif darba ture. Amma seerri jijjiirameera” jedhe.
“Bara 1990 fi 1994 Waancaa Adunyaa irratti biyyoonni Afrikaa irraa hirmaatan biyyoota lama qofa ture. Amma sagal tahaniiru” jedheera Genaaroo Gatuusoo.
Ameerikaa Kibbaa irraa biyyoota 10 keessaa jaha kallattiin darbu.
Torbaffaan ammoo tapha moo'atanii darbuuf dhaqqaba. Kun baay'ee nama gaddisiisa. Seerri kun jijjiiramuu qaba jedhe.
Dubbii Genaaroo Gatuusoo kana keessa wantoonni dhugaa hin taane jiru. Jalqaba bara 1994 biyyoonni Afrikaa irraa Waancaa Addunyaa irratti hirmaatan baay'inni isaanii sadii ture.
Akkasumas bara 1990 keessa biyyoota sadarkaa lammaffaan xumuran hundatu kallattumaan waancaa Addunyaaf darbaa ture miti
Fakkeenyaaf Deenmaark 2ffaan xumurtee kuftee ture.
Gaatuusoon waa'ee Afrikaa maal jedhe?
Biyya xiqqoo Afrikaa yeroo jalqabaaf Waancaa Addunyaaf darbite Keep Verdee irraa kan hafe warri kaan hundinuu sadarkaa idil-addunyaatti morkattoota jajjaboodha. Sadarkaa gaarii jedhamu irras jiru.
Aljeeriyaa, Ijipt, Gaanaa, Koot Divoor, Morookoo, Senegaal, Afrikaa Kibbaa fi Tuuniziyaadha.
Isaan keessaa jaha kan ta’an addunyaa irraa sadarkaa 50ffaa gadi jiru. Gaanaan sadarkaa 73ffaa irra jirti.
Gaatuusoon biyyoonni akkas sadarkaa Awurooppaa gadi jiran hirmaannaa argachuu hin qaban jedhan.
Bakki isaanii biyyoota Awurooppaaf kennamuu akka qabu amana.
Hirmaannaan biyyoota Awurooppaa isa bara 1990 ture dhibbeentaa 54 irraa amma gara dhibbeentaa 33.33tti gadi bu'eera. Walakkaan biyyoota ardichaa sadarkaa 50 gadi keessa jiru.
FIFAn yeroo hirmaannaa biyyootaa 16 dabalu Afrikaaf biyyoota afur dabale. Awurooppaa irraa biyyoota sadii dabale.
Biyyoonni Afrikaa Waancaa Addunyaa irratti hirmaatan dhibbeentaa 21.43 hin caalan. Garuu isaan keessa dhibbeentaa 7 qofatu sadarkaan isaanii 50 gadi jira.
Leenjisaan Itaalii dubbii kana hundaa kan kaasan otoo baayyinni biyyoota Afrikaa Waancaa Addunyaa irratti hirmaatanii hin daballe ta’ee silaa yoona dabarree jirra jechuufi.
Garuu dubbiin isaa kun kufaatii Itaaliitiif sababa gahaa hin ta’u.
Odeeffannoon kan BBCti