Tapha eeggama Cheelsii fi Baarseloonaa
**************************
Dorgommiin Waancaa Shaampiyoons Liigii Awurooppaatiin taphoonni Liigii torbee 5ffaan har’a yoo egalaman, taphni Istaandfordbirijitti kilabiin Ingilaand Cheelsiin kilaba Ispeen Baarseloonaa waliin taphatan ni eeggama.
Cheelsiin tapha ramaddii 4ffaatiin dirree isaan ala Kuwaaraabag waliin lama qixa, Baarseloonaan ammoo Kilab Biruuj waliin sadi qixa waan baheef, kilaboonni lachuu injifannootti deebi’uuf falmatu.
Taphoota saglan darban dirree isaatiin ala kilaboota Ingilaand waliin taphate keessaa kan bara 2016tti Maanchister Siitii fi bara 2019tti Liivarpuuliin moo’ameen ala, kan hafan hunda kan injifate kilabiin Kaatalaan Baarseloonaan tapha har’aa hamiilee gaarin eegalu.

Cheelsiis taanan kilaboota Ispeen waliin riikkardii gaarii qabate.
Gareen Enzoo Maareeskaa taphoota kurnan darban walitti aansuun morkattoota Ispeen waliin taphate keessa sagal injifateera.
Kilabichi baarseloona waliin gafaa taphatus riikardii gaarii qaba.

Cheelsiin taphoota sagal Shaampiyoons Liigiitiin Baarseloona waliin taphate keessaa tokko qofaan moo’ame.
Taphoota Shaampiyoons Liigii afur irratti goolii afur kan galche Maarkus Raashfoord, injifannoo Sanbata goolii 4 fi 0 Laaligaadhaan Baarseloonaan Atileetik kilab irratti galmeesiseen ala turus tapha har’aa irratti ni taphata jedhameet eegama.

Akkuma Raashfoord tapha Sanbataatiin ala kan ture Firaankii Dii Joongs tapha kanaaf yoo debi’u Baalde, Gaavii, Peedrii fi Teristeegan garuu tapha kanaan ala.
Gama Cheelsiin Kool Paalmer shaakalatti deebi’us, tapha kanaan ala.
Koolwil, Essuggoo fi Roomiwoo Laaviyaanis miidhamaan tapha kanaan ala ta’aniiru.

Taphoota lamaan Shaampiyoons Liigii eegale iratti goolii lama kan galche Estivawoo garuu, tapha kannaratti ni hiriira jedhameera. Reek Jamsii fi Wosley Foofananis akkasuma.
Taphni garee lamaanii galgala sa’aatii 5tti eegalama.
Tapha kan biraatiin Maanchister Siitin Ithaaditti Baayerlevergusen simata.
Gareen Peep Guwaardiyoolaa taphoota 4 irraa qabxii 10n qabachuun sadrkaa 4ffaa irra jira.
Olompiik Maarseen Niiwkaastil Yuunayitid waliin, Naappooliin Kuwaaraabag waliin, Atileetikoo Bilbaawoon Islaaviyaa Paraah waliin, Boroshiyaa Doortumand Viyaariyaal waliinii fi Boodoo Gilimat Juuveentuus waliin taphoota biroo galgla sa’aatii shanitti taphatamanidha.

Galgala sa’aatii 2:45n irraa eegaluun ammoo Ayaaks Benefikaa waliinii fi Gaalaataasaaraay Seent Gaaliwus waliin taphata.
Nuuroo Amaanootu gabaase