Barbaaduu

Arsenaal Baayernmuunik waliin - Dorgommii Kilaboota ciccimoo Awuroppaa ammaa

Nov 26, 2025

Arsenaal Baayernmuunik waliin - Dorgommii Kilaboota ciccimoo Awuroppaa ammaa

***********************************

Shaampiyoons Liigii Awurooppaa tapha Liigii torbee 5ffaan har'a galgala taphni Arsenaal fi Baayernmuunik Istaadiyeemii Emireetis irratti taphatan xiyyeefannaa argateera.

Gahumsi gaariin Kilaboonni lamaan Liigoota biyyaa isaanii irratti agarsiisaa jiranii fi Shaampiyoons Liigii Awuroppaatiin taphoota taphatan arfanuu injifachuun isaanii taphni kun akka eeggamu taasiseera.

Kilabni Kaaba Landan Arsenaal taphoota Shaampiyoons Liigii bara kanaa arfanuu goolii otoo hin keessumeessin yoo injifatu morkattoota isaa irratti ammoo goolii 11 galcheera.

 

Bara kana dorgommiiwwan hundarrattuu goolii jaha qofa kan keessummeesse garichi, Liigota gurguddoo Awurooppaa shanan keessaa garee goolii xiqqaan itti galedha.

Kilabichi tapha har'aa irratti Gaabri'eel Megaalejii fi Viiktoor Giyökeres sababa miidhamaatiin hin fayyadamu.

Maartiin Odeegaard, Noonii Maaduweekkee fi Gaabri'eel Maartineeliin garuu taphichaaf qophiidha.

Shaampiyooniin Jarman Baayernmuunikis bara kana akkuma Arsenaal gahumsa addaa irra jira.

Taphataa Maanchister Siitii duraanii Viinseent Koompaaniin kan leenji'u garichi bara kana taphoota dorgommiiwwan hundarrattuu taphate 18 keessaa 17 injifateera.

Kilabichi Shaampiyoons Liigii Awurooppaa qofa irratti goolii 14 yoo galchu bara kana dorgommii hundarrattuu ammoo goolii 64 galchuun kilaboota Awurooppaa hundaa ni caala.

Goolii Baayernmuunik kana keessa ammoo Haarii Keen taphoota 18 irratti  gooliiwwan 24 galchuun gahee ol’aanaa bahateera.

Haarii Keen Arsenaal irratti goolii hedduu galchuudhaan beekkama.

Taphataan sarara fuulduraa lammii Ingilaand kun taphoota Arsenaal waliin taphate 21 irratti gooliiwwan 15n galcheera.

Baayernmuunik sababa adabbiitiin tapha har’aa irratti Liwus Diyaazin hin hiriirsu.

Baayernmuunikii fi Arsenaal kanaan dura yeroo 14 kan walitti dhufan yoo ta'u, Baayernmuunik yeroo 8 Arsenaal ammoo yeroo 3 injifateera.

Kilaboonni lamaan yeroo dhumaatiif Shaampiyoons Liigii Awurooppaa nuusa xumuraa bara 2023/24n walitti dhufuun Baayernmuunik tapha dhaqaa galaatiin goolii 3 fi 2n injifateera.


Taphichi galgala sa'aatii Shanitti eegalama.

Atileetikoo Maadiriid Intar Miilan waliin, Liivarpuul PSV waliin, PSGn Tootinhaam waliin akkasumas Olompiyaakoos Riyaal Maadriid waliin taphoota biroo sa'aatii walfakkaataatti eegalamanidha.

Nuuroo Amaanootu gabaase