Barbaaduu

Arsenaal waancaa afur injifachuufii?

Nov 27, 2025

Arsenaal waancaa afur injifachuufii?

************************

Arsenaal bara itti seenaa isaa haaressu fakkaata. Piriimiyer Liigiidhaan sadarkaa 1ffaa irra kan jiru Arsenaal, Shaampiyoonsi Liigii irrattis kilabni hin moo'amnee fi sadarkaa 1ffaan dursaa jirus isuma.

Baayern Muunik kilaba biraa akka Awurooppaatti hin moo'amne ture.

Hanga Emireetis irratti Arsenaal waliin dorgomanitti jechuudha.

Goolii Tiimber, Maduweekee fi Maartineliin 3 fi 1n Baayern Muunikiin moo'atan.

Muunik taphaan caalmaa fudhatus Arsenaal boqonnaa booda tasgabbii gaariin taphachuudhaan carraa argatan gara gooliitti jijjiiraniiru.

Dogogorri gurguddaa karra eegaa Baayern Muunik Maanu'eel Nuwer akkuma jirutti ta’ee Arsenaal kilaboota Awurooppaa gurguddoof ergaa kan dabarse fakkaata.

Bara darbe yeroo akkasii Liiverpuul Piriimiyer Liigii fi Shaampiyoonsi Liigii dursaa ture.

Piriimiyer Liigii moo'achuun Shaampiyoonsi Liigii irratti haala gaariin otoo eegamuu PSGdhaan moo'amuun keessaa bahe.

Haalli akkasii yoo hin muudanne Arsenaal barana carraa waancaa afur moo'achuu qaba.

Karabayoo Kaappii gara nuusa xumuraatti darbeera. Piriimiyer Liigii, Shaampiyoonsi Liigii fi FA Kaappii dabaluun carraa moo'achuu qabu. Garuu salphaa hin tahu.

Arsenaal waancaa Shaampiyoonsi Liigii takkaayyuu moo'atee hin beeku. Arteettaan kana milkeessinaan leenjisaa yeroo hundumaa seenaa kilabichaa keessatti yaadatamu ta’a.

Odeeffannoon kan BBCti