Barbaaduu

Darbii Landan Cheelsii fi Arsenaal walitti fidu dabalatee Piriimiyer Liigii torbee 13ffaa eenyutu mirgaan gala?

Nov 28, 2025

Darbii Landan Cheelsii fi Arsenaal walitti fidu dabalatee Piriimiyer Liigii torbee 13ffaa eenyutu mirgaan gala?

*************************

Taphoota Shaampiyoons Liigii torban kana keessa taphataman keessatti kilaboota Piriimiyer Liigii keessaa Liiverpuul, Maanchister Siitiin, Niiwukaastilii fi Tootinhaam otoo hin milkaa'iin hafaniiru.

Arsenaal fi Cheelsiin garuu morkattoota isaanii ciccimoo ta'an direessaanii irratti simatanii moo'ataniiru.

Arsenaal kilaba Bondosliigaatti shaampiyoonaa ta'eefi barana tapha tokkoonillee hin moo'amiin jiru 3 fi 1n moate.

Cheelsiin ammoo kilaba guddaa Laaligaa Ispeen, Baarseloonaa 3 fi 0n moo'ateera.

Kanaaf, tapha Piriimiyer Liigii 13ffaa kanaan tapha Shaampiyoons Liigii Awurooppaa irratti kilaboota milkaahan walitti fida.

Taphni kun Darbii ta'uu isaatiin alatti, kilaboonni lamaan Piriimiyer Liigii keessatti tokkoffaa fi lamaffaa qabatanii jiru.

Arsenaal qabxii 29n tokkoffaa, Cheelsiin ammoo qabxii 23n lamaffaa qabataniiru.

Eenyuti moo'ata? Goolii meeqaa fi meeqaan?