Imala gareen biyyaalessaa Itoophiyaa Waancaa Afrikaatiif darbuuf taasise
******************************

Maqaa masootiin “Jeedala Diimtuu” jedhamuun kan waammamu gareen biyyaleessaa Itoophiyaa umrii 17 gadii, yeroo dhumaaf Waancaa Afrikaa irratti kan hirmaate waggoota 22 dura dorgommii Istuwaaniin qopheessite irratti ture.
Yeroo sun ramaddii A jala kan ture gareen Itoophiyaa Kaameruun waliin qixa bahuun Koot Diivoorii fi Burkiinaafaasoon moo'amuun ramadii irratti dorgommichaan ala ta'e.

Ergasii garichi Waancaa Afrikaatti akka deebi'u hojiiwwan hedduun hojjetamanillee milkaahuu hindandeenye.
Haa ta'u malee bara darbe yeroo yaa'iin Waldaa Kubbaa Miilaa Afrikaa yookaan CAF Finfiineetti taa’ame Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD), Itoophiyaan waancaa Afrikaa bara 2029 qopheessuuf fedhii akka qabdu erga himanii booda, Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa dhaadannoo “road to 2029” jedhuun guddatoota irratti hojjechuu eegale.
Kanaanis guddattoonni 1,200 ol kutaalee biyyattiin garaa garaatii walitti qabamanii ilaalamani.

Taphatoota kanneen keessa ammoo 85 kan ta'an filatamuudhaan dorgommii Bishooftuu, Hawaasaa fi Finfinneetti dorgomame baayyinni isanii 26tti gad bu'uun gareen biyyaalessaa Itoophiyaa umrii 17 gadii bifa haaraan hundahe.
Sana booda garichi ija namaa fi miidiyaa irraa fagaachuun leenjisaa lammii Ameerikaa Beenjaamiin Zimaarii fi itti aantoota isaa Zakkaariyaas Daaguu fi Yoonas Iskindiriin guyyoota 20f gulaallii Waancaa Afrikaa umurii 17 gadii zoonii Seekaafaa Itoophiyaan keessummeesituuf qophii taasisaa turan.
Gulaallii Waancaa Afrikaa umurii 17 gadii zoonii Seekaafaa biyyoota 10n hirmaachisuun qopheessummaa Itoophiyaatiin Finfinnee fi Dirree Dhawaatti taphatamaa tureenis gareen Itoophiyaa tapha ramaddiin homaa otoo hin moo'amiin walakkaa xumuraatti ceehe.

Walakkaa xumuraatiin Ugaandaa waliin kan taphate garichi goolii 3 fi 0n moo'amus har'a tapha sadrkaatiin Keeniyaa 3 fi 0n injifachuudhaan Waancaa Afrikaaf darbeera.
Tapha Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaa Finfiineetti taphatame kanaan goolii injifannoo Itoophiyaa Daawwit Kaasaaw, Biiniyaam Abrahaa fi Biruuk Iyillaachoo galchaniiru.
Itoophiyaan taphicha injifachuu ishee hordofee Taanzaaniyaa fi Ugaandaatti aanuun biyya Baha Afrikaa 3ffaa Waancaa Afrikaa umrii 17 gadii bara 2026tti Moorookoon qopheesitu irratti hirmaattu taateetti.

Gareen biyyaleessaa Itoophiyaa waggaa 22n booda Waancaa Afrikaatti deebi'e.
Injifannoo Itoophiyaa kana hordofuun Ministirri Muummee Itti aanaa Tamasgan Xurunaa ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Obbo Tamasgan, “gama ispoortiitiin guddattoota irratti jabaannee yoo hojjenne kubbaan miilaa keenya waltajjiiwwan ardii fi idil-addunyaatti yeroon itti ol jedhee mul’atu fagoo miti” jechuun ibsaniiru.
Nuuroo Amaanootu gabaase