Kilabiin Kubbaa Miilaa Magaalaa Shaggar taphattoota garee Biyyaalessaa Itoophiyaa mallatteessise
*********************************
Kilabni Kubbaa Miilaa magaalaa Shaggar taphattoota tibbana Itoophiyaan Waancaa Afrikaa umrii 17 gadiif akka geessu gahee ol’aanaa bahatan sadi mallatteessisuu, Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa beeksiseera.
Haaluma kanaan dorgommichaan goolii ol’aanaa kan galche Daawwit Kaasaahu, dursaa taphattootaa Biiniyaam Abrahaa, akkasumas goolii eegaan Tamasgan Kabbadaa Kilaba Shaggariif mallatteessaniiru.
Kilabiin Kubbaa Miilaa magaalaa Shaggar taphattoota kanneen mallateessisuuf Akkaadaamii isaan irraa argamaniif tokkoon tokkoon isaaniitiif birrii kuma 500 kaffaleera.

Ji'aan ammoo mindaa birrii kuma shantamatu kaffalamaaf
Nuuroo Amaanootu gabaase