Iinzoo Maareeskaa fi Igoor Tiyaagoo leenjisaa cimaa Piriimiyer Liigii Ingilaand ji'aa ta'uun filataman
***************************

Uurjiiwwan tapha Piriimiyer Liigii Ingilaand kan ji’a Sadaasaa wayita ifoometti, leenjisaan Cheelsii Iinzoo Maareeskaan leenjisaa cimaa ji’a Sadaasaa ta'uun filataman.
Iinzoo Maareeskaa Cheelsii hogganuudhaan taphoota Piriimiyer Liigii Ingilaand ji’a Sadaasaa keessa taphatame irratti hin moo'amne.
Taphoota taphataman keessa lama yoo ijifatan, kanneen hafan ammoo qixa bahee jira.
Taphataan sarara fuulduraa Bireentifoordi Iigoor Tiyaagoo ammoo, taphataa cimaa ji’a Sadaasaa ta'uun filatameera.
Iigoor Tiyaagoon taphoota afur taphate irratti gooliiwwan shan galcheera.
Iigoor Tiyaagoon taphataa Bireentifoordi kabaja kana argate keessaa isa jalqabaati.
Seeraan Taaddasaatu gabaase