Maanchister Siitiin Kiristaal Paalaas 3 fi 0n injifate
*******************

Tapha Piriimiyer Liigii Ingilaand tapha torbee 16ffaatiin Maanchister Siitiin Kiristaal Paalaas 3 fi 0n injifateera.
Tapha Istaadiyeemii Shelhiratitti taphatame kana irratti, Haalaand goolii lama galcheera.


Fiil Fooden ammoo goolii tokko galche.
Dorgommii bara kanaatiin ijinfannoo isaa 11ffaa kan galmeessise Siitiin, garaa gartee qabxii Arsenaal waliin qabu lamatti gadi sikseera.

Tapha biraatiin ammoo Astoon Viilaan Weestihaam Yuunaayitid 3 fi 2n injifateera.

Nootiingihaam Foorest Tootinhaam Hootispar 3 fi 0n yoo moo'u, Sanderlaand ammoo Niiwkaastil Yuunaayitid 1 fi 0n injifateera.