Barbaaduu

Fiigichi Maaraatoonii yaadannoo Abbabaa Biqilaa Jaappaanitti dorgomame

Dec 22, 2025

Fiigichi Maaraatoonii yaadannoo Abbabaa Biqilaa Jaappaanitti dorgomame

*******************************

 

Fiigichi Maaraatoonii yaadannoo gooticha Atileet Abbabaa Biqilaa Jaappaan, magaalaa Kaasamaatti dorgomameera.

Dorgommii marsaa 20ffaaf dorgomame kana, atileetiin Itoophiyaa Darrasaa Xaasoo injifateera.

Dorgommichaan atileetota 1ffaa hanga 3ffaa bahaniif daandiin qilleensaa Itoophiyaa badhaasa kenneera.

Saganticha irratti kan argaman Jaappaanitti Ambaasaadarri Itoophiyaa Dhaabaa Dabalee, dorgommiin bara kanaa daandii maqaa Abbabaa Biqilaatiin moggaafame irratti dorgomamuun akka adda isa taasisu himuun qopheesitoota saganticha bulchiinsa magaalaa Kaasamaa galateeffataniiru.

Dorgommii kana irratti lammiilee Itoophiyaa fi Jaappaan dabalatee atileetonni hedduun hirmaataniiru.

Nuuroo Amaanootu gabaase