Arsenaal Astoon Viilaa haaloo bahate, Yunaayitidii fi Cheelsiin qehee ofiitti qabxii gatan
******************************
Arsenaal eda Astoon Viilaa akka gaaritti haaloo bahate. Jalqaba ji'a Muddee Astoon Viilaan daqiiqaa dhumaatti Arsenaal moo'achuun qabxii gachisiisee ture.
Halkan edaa Arteettaan 'madfiisaa' akka gaaritti qopheeffattee eeggate.
Arsenaal boqonnaa booda goolii afur galcheen 4 fi 1n Astoon Viilaa injifate.
Arsenaal qabxii shaniin dursuun mataa Pirimier Liigiirra taa'ee bara haaraa 2026 simachuuf jedha.
Maanchiister Siitiin har'a halkan dirree isaatiin ala Sandaarlaand waliin tapha cimaa ni taphata jedhameet eeggama.
Moo'us moo'amus sadarkaa lammaffaasaa namni irraa hin fudhatu.
Taphataan sarara ittisaa duraanii Astoon Viilaa Diyoon Dabliin, "Waanti Arsenaal Astoon Viilaa irratti raawwate sadarkaa isaan irra jiran namatti agarsiisa" jedheera.
"Taphataan hunduu gumaachaa jira waan ta'eef waanti hunduu toora qabateefii jira - leenjisaa, taphattoonnii fi hojjattoonni hunduu jechuudha."
Miikeel Arteettaan gahuumsa taphattoonnisaa agarsiisanii fi Astoon Viilaa moo'ichuutti akka gammadu ibse.
"Baay'ee gammadeera. Isaaniin Astoon Viilaan morkachuun hedduu ulfaata. Yeroo akkasii akka qabaannu ni beekna ture. Boqonnaa dura goolii galchuu hin dandeenye ture. Garuu boqonnaa booda waan hunduu nuuf qajeeleera” jedhe.
''Waan hundumaaf dirree keessatti dorgomaa turre. Haallitti yerootti fayyadamne, goolii gahumsa dhuunfaan galchan hunduu waanuma ajaa'ibaati" jedheera.
Gaabri'eel Jeesuus ammoo, "Astoon Viilaan yeroo hundaa as yeroo dhufan akka malee nu injifatanii deebi'uuf hojjetu. Har'a kan moo'anneef xiin-sammuu keenya irratti hojjechuudhaani" jechuun dubbate.
Taphataan duraanii sarara gidduu Ingilaand Daanii Marfii ammoo: "Gahuumsi Arsenaal ajaa'iba. Cimina guddaa akka qaban kan agarsiisudha," jechuun dubbate.
Ammaaf Arsenaalitti qormaata kan ta'e Maanchiister Siitiidha.
Akkuma nama eegee qeerransaa qabee itti ta'ee jira. Har'a Sandarlaandiin injifatamee garaa garummaan qabxii shanii amma jiru yoo itti fufeen alatti, Siitiin Arsenaalif yaaddessaadha.
Odeeffannoon kan BBCti