Dorgommii Waancaawwan afurii - Morkii Arsenaalii fi Siitii
*******************************
Kilaboonni Ingilaand lama Waancaawwan afuriif morkachaa ji'a Bitootessaa yeroo gahan kun kan jalqabaati.
Waancaa Piriimiyer Liigii, FA, Karabaawoo fi Shaampiyoons Liigiif morkatu.
Waancaawwan sadan kan biyya keessaa yoo ta'an, tokkommoo waancaa guddicha Awurooppaati.
Asenaalii fi Maanchistar Siitiin Waancaawwan afranuu injifachuuf hiiree qabu.
Taphni xumuraa Waancaa Karabawoo Bitootessa 22 Arsenaalii fi Maanchistar Siitii gidduutti taphatama.
Ramaddii moo'anii darbuu Waancaa Shaampiyoonsi Liigii torban darbe baheen ammoo gareeleen Piriimiyer Liigii lamaan (Arsenaalii fi Maanchistar Siitii) kan walitti dhufuu danda'an tapha xumuraa irratti ta'uu agarsiisa.
Amma dura gareen Waancaawwan afur injifatee beeku tokko qofa; innis bara 1966-67 kilaba Iskootaand Seeltiki.
Kilaboonni kaan hangam takka Waancaa afur injifachuutti dhihaatanii turan?
Waancaa afur adamsanii lama injifachuu:
Waa’ee waancaa afur injifachuutti dhihaachuu yeroo haasofnu kilaboonni dafanii sammuutti isin dhufan Maanchistar Yunaayitidii Maanchistar Siitii ta'uu malu.
Yunaayitiid bara 1998-99, Maanchistar Siitiin ammoo bara 2022-23 waancaawwan sadi waan injifataniif itti dhihaatanii turan jechuu dandeessu.
Lakkoofsa waancaan yoo ilaalle dhugaadha. Haata'u malee gareen lamaanuu nuusa xumuraa irratti morkii Karabawoo Kaappi keessaa bahan.
Kanaaf hanga barri dorgommii xumuramuutti dhihaatutti Waancaa afuriif morkataa hin turre jechuudha.
Garuummoo kilaboonni lamaan gareewwan Ingilaand hanga ammaatti bara tokkotti waancaa sadi injifataniidha.
Seenaa as dhihoo keessatti kilabni Ingilaand Waancaa afur injifachuutti siiqee ture Liivarpuuli.
Bara 2021-22, Liivarpuul Waancaa FA fi Karabaawoo erga injifatee booda, morkii Piriimiyer Liigii isa dhumaarrtti qabxii tokkoon caalamee Waancaa Piriimiyer Liigii dhabe.
Guyyaa jaha booda ammoo xumura Waancaa Shaampiyoons Liigii Awurooppaa irratti Riyaal Maadriidiin injifatameera.
Bara sana Cheelsiinis akkasuma morkii waancaawwan afur moo'achuu keessa ture.
Cheelsiin FA Kaappii fi Karabawoo Kaappii xumuraaf gahee lamaanuu Liivarpuuliin moo'atame.
Gareen Toomaas Tuheliin leenji'aa ture kun Piriimiyer Liigicha sadarkaa 3ffaadhaan xumure.
Shaampiyoons Liigii Awurooppaa keessaas nuusa xumuraatti bahe.
Kunis waancaa afuriif morkattee tokkoyyuu otoo hin milkeessiin xumuruu akka dandeessu agarsiisa.
Cheelsiin garuu bara sana Suuppar Kaappii fi Kilaba Woorlid Kaappii injifachuun of jajjabeesseera.
Riikkardii Liivarpuulitti dhihaatu kan qabu gareen biraan ammas Cheelsiidhuma bara 2006-07 Waancaa Karabaawoo fi FA injifatee Piriimiyer Liigii ammoo 2ffaa ta'uun xumure.
Shaampiyoonsi Liigiidhaanis hanga walakkaa xumuraatti imalee ture.
Bara 2008-09 ammoo Maanchister Yunaayitiid waancaa PL fi Karabaawoo Kaappiis injifate, Shaampiyoons Liigii xumuraaf gahee ture.
Bara 2018-19 ammoo Siitiin Waancaa PL, FA fi Karabaawoo injifatee Shaampiyoons Liigii ammoo nuusa xumuraan injifatameera.
Odeeffannoon kan BBCti