Barbaaduu

Milkaa'inoota Gurguddoo Bara 2018tti

Sep 02, 2026

De'eetaan Ministira Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Kabbadaa Deessisaa ibsa kennaniin, Guyyoonni qaammee shanan bara 2018tti mata duree "Ol ka'iinsa Itoophiyaa" jedhuun kabajamu jedhan.
Mata dureen kun kan filatameef ammoo, Itoophiyaan imala misoomaa keessatti badhaadhina waliigalaa mirkaneessuuf bu'uura kaawwatte bara kana keessa milkeessuu isheetin akka ta'e eeraniiru.
Bara 2018 eebbi pirojeektoota gurguddoo ol'aantummaa Itoophiyaa mirkaneessanii fi hojiwwan haaraan itti eegalaman bara seenaa qabeessa isa taasiseera jedhaniiru ibsa isaaniitiin.
Pirojeektoota milkaa'an gurguddoo keessaa:
Eebba Marsaa 1ffaa Pirojeektii Gaazii Uumamaa Dhangala’aa Ogaadeen, ijaarsa pirojeektii Gaazii Uumamaa Dhangala’aa Ogaadeen, Ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu,
Warshaa Humna Niiwukilaaraa fi Xaa'oo, Milkaa'inni dinagdee keessatti galmaa'an dandeettii raawwachiisummaa biyya keenyaa kan agarsiisanidha jedhaniiru.
Bara baajataa kana keessa dandeettiin galii biyya keessaa walitti qabamu sadarkaa ol'aanaatti guddachuus eeraniiru.
Bu'aaleen kunneen hundi Itoophiyaa gara sadarkaa misoomaa fi ol'aantummaa ol'aanaatti tarkaanfachuu ishee kan mirkaneessan mallattoolee qabatamoo ta'uu ibsaniiru.
Haannaa Haabtaamuutu qindeesse.