Jiini Fuulbaanaa Itoophiyaanotaaf jijjiirraa baraa qofa otoo hin taane, yeroo abdiin itti calaqqisuu fi seenaa moofaan darbee waliigaltee biyyaaleessaaf tokkumaan sab-daneessummaa itti cimsamudha.
Bara haaraatti yaada haaraa maddisiisuudhaan, milkaahinaawwan galmaahaan cimsachuu fi qormaata muudatan irraa barnoota fudhatanii fuulduratti tarkaanfachuun barbaachisaadha.
Bara darbe keessa Mariin Biyyaaleessaa milkaahinaan xumuramuun aadaa marii fi waliigaltee uumuu keessatti gahee guddaa taphateera.
Kunis misooma Kooriidarii, Maaddiin Biyyaaf, Sagantaa Ashaaraa magariisaa fi guddina invastimantii waliin wal qabachuun bu'uura cimaa kaaheera.
Qormaattonni bifa adda addaatiin uumaman jiraatanis, duudhaan waldeeggarsaa fi walkabajaa uummata keenyaa bilisummaa biyya keenyaa eegsiseera; dhimma kana keessattis jaarsoliin biyyaa, Abbootan Amantaa fi Abbootiin Gadaa gahee guddaa taphataniiru.
Ayyaanonni Masqalaa fi Irreessaa ji'a kana keessa kabajamanis obbolummaa fi tokkummaa keenya kan haaromsaniidha.
Bilisummaan keenya kaleessa injifannoo Adwaatiin, har'a ammoo Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Guddichaan mirkanaaheera.
Sab-daneessummaa garaa garummaa marii, dhiifama fi araaraan furuudhaan nagaa, tokkummaa fi badhaadhina biyya keenyaa dhugoomsuuf utubaa cimaadha.