Itoophiyaan guddina dinagdee saffisaa fi boqonnaa haaromsa keessa jirtu kanaan, dameen Aviyeeshinii shoora imala, daldala fi dippilomaasii biyyattii caalaatti fooyyessaa jira.
Bu’uuraalee geejjibaa babal’isuu, Neetworkii Loojistikii ammayyaa diriirsuu fi damee tuuriizimii dadammaqsuun milkaahinni argame guddina dinagdee biyyaatiif gumaacha ol’aanaa gumaateera.
Daandii Qilleensa Itoophiyaa Afrikaa keessatti isa guddaa fi milkaa’aa ta'uun, teeknooloojii ammayyaa fayyadamuu, gahumsawwan balalii babal’isuu fi tajaajila qulqullina qabu dhiheessuun dorgomtummaa biyya keenyaa sadarkaa addunyaatti ol kaaseera.
Daandiin qilleensaa kun madda galii ta’uurra darbee gaarummaa biyyaa beeksisuu fi invastimantii alaa hawwachuu keessatti gahee bakka hin buune qaba.
Babal’isuun Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee Finfinnee giddugaleessa imaltootaa fi Loojistiiksii Afrikaa kan isa taasise yoo ta’u, pirojeektiin Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu fuulduratti gaggeeffamuus sadarkaa Aviyeeshinii addunyaa keessatti Itoophiyaa caalaatti cimsa.
Akkasumas, Akkaadaamiin Aviyeeshinii gara Yuunivarsiitiitti guddatee humna namaa Afrikaaf leenjisaa jira.
Tajaajilli Kaargoos omishaalee al-ergii gabaa addunyaaf dhiheessuun galii maallaqa alaa guddisee carraa hojii kumaatamaan lakkaawwaman uumeera.