Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi milkaahinaan xumuramuun isaa fedhii misooma biyyattii guutuu bira darbee, madaallii fayyadamummaa waloo Laga Abbaayi mirkaneessuudhaan boqonnaa haaraa baneera.
Pirojeektiin kun Adwaa Ammayyaa ta'uudhaan, Itoophiyaan humna mataa isheetiin dhaabbachuu akka dandeessu addunyaaf mirkaneesseera.
Qorannoo saayinsaawaatiin hidhichi biyyoota yaa'a gadii kan hin miine ta'uun addunyaaf mirkanaaheera.
Hidhichi maddisiisa ibsaa guddisuudhaan warshaalee dadammaqsuu bira darbee, humna ibsaa Suudaan, Keeniyaa fi Jibuutiif erguudhaan madda maallaqa alaa fi hidhata naannoo cimsus ta'eera.
Haroon nam-tolchee "Nigaat" jedhamus faayidaa tuuriizimii, Qurxummii fi geejjibaaf ooluun madda qabeenyaa haaraa uumeera.
Biyyoota yaa'a gadiitiifis lolaa fi dhibbishii irraa hir'isuudhaan fayyadamummaa waloo mirkaneesseera.
Hidhi Guddichi tokkummaan lammiilee bu'aa guddaa akka fiduu fi ilaalcha Paan-Afrikaanizimii hojiin kan agarsiise boonsaa biyyaati.