Barbaaduu

Hulaa Galaanaa:- Bu’uura jiraachuu Itoophiyaa fi walabummaa dinagdee

Sep 04, 2026

Akkuma ogeessi dinagdee Pirofeesar Paal Kooliyer ibsan, Hulaa Galaanaa qabaachuun gabaa addunyaa waliin walitti hidhamuuf bu’uura.
Biyya baay'ina uummataa guddaa qabdu Hulaa Galaanaa malee hidhanii tursiisuun seenaaniis ta’e dhugaa ammatiin sirrii miti.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) akka ibsanitti, Itoophiyaan birmadummaa olloota ishee kan kabajju yoo ta'eyyuu, jireenya fi guddina isheef filannoon Hulaa Galaanaa kan ishee barbaachisu ta'uu hawaasni addunyaa hubachuu qaba.
Biyyi keenya seenaa fi seeraan mirga Hulaa Galaanaa argachuu fi fayyadamummaa Galaana Diimaa irratti hirmaannaa hiika qabu qabaachuu qabdi.
Qorattoonni siyaasaas nagaa Gaanfa Afrikaatiif gaaffiin kun deebii argachuun murteessaa ta'uu eeru.
Omishaalee sharafa alaa argamsiisan gabaa addunyaatiif dhiyeessuuf daandiin si'ataa ta'e barbaachisa.
Hulaa Galaanaa dhabuun baasii geejjibaa fi Buufata dabaluudhaan giphii lammiilee miidhaa jira.
Kanaafuu, dhimmi Hulaa Galaanaa mirga seenaa, birmadummaa fi guddina dinagdee egeree Itoophiyaatiif furtuu filannoo hin qabneedha.