Barbaaduu

Hulaa Galaanaa:- Bu'uura Jiraachuu, Bilisummaa Dinagdee fi Haqa Seenaa

Sep 04, 2026

Nagaa, tasgabbii fi guddina dinagdee Itoophiyaa si’oomsuuff Hulaa Galaanaa argachuun dhimma filannoo otoo hin taane, dhimma jiraachuu fi itti fufiinsa biyyaati jedhu hayyoonni.
Shira siyaasaa fi madaa seenaa Itoophiyaa Hulaa Galaanaa dhabsiise sirreessuuf gaaffiin haqaa fi seeraa biyyattiin gaaffachaa jirtu fudhatama guutuu kan qabudha.
Buufata Doonii Mitsiwaatti waggoota 31f miseensa Humna Galaanaa ta'uun kan tajaajilan Maaster Chiiif Garramawu Hayilee, dogoggora seenaa sirreessuu fi biyyattii abbaa Hulaa Galaanaa gochuuf tattaaffiin taasifamu deeggaramuu qaba jedhan.
Yuunivarsiitii Finfinneetti Barsiisaan Bulchiinsa Dhiheessii Pirofeesar Maatiwoos Hinsarmuu gamasaaniitiin, Hulaa Galaanaa argachuun bu’uura dinagdee ta'uu ibsaniiru.
Biyyoonni hedduun baasii Loojistiikiif dhibbeentaa 8-10 qofa yoo baasan, Itoophiyaan hanga dhibbeentaa 25tti baasuuf dirqamuu isheetiin dorgommii daldala addunyaa irratti dhiibbaa uumeeras jedhan.
Kanaafuu, baasii hir'isuudhaan dorgomtummaa daldala addunyaa fi bilisummaa dinagdee mirkaneessuuf Itoophiyaan Hulaa Galaanaa mataa ishee qabaachuun dhimma murteessaa ta’uu hubachiisan.
Hayimaanot Kabbadaatu qindeesse