Barbaaduu

Gaachana Itoophiyaa :- Milkaahinawwan Haaromsa Dhaabbata Ittisaa Biyyaa

Sep 04, 2026

Utubaan biyyummaa, birmadummaa fi wabii nagaa biyya kamiyyuu raayyaa ittisa biyyaati.
Qormaata teeknooloojii, jijjiirama Ji'oopolatikaa fi saaxilamummaa eegumsa ammayyaa dandamachuuf jijjiiramni dhaabbatummaa taasifame dandeettii ittisa biyya keenyaa sadarkaa ol'aanaatti ceesiseera.
Haaromsonni waggoota darban keessa raawwataman dandeettii ogummaa, qulqullina ol'aanaa, seeraa fi hawaasaaf kan loogee fi ammayyaa kan ta'e raayyaa ittisa biyyaa ijaaruu irratti xiyyeeffatu.
Milkaahinni guddaan riifoormii kanaa raayyaan sun garee siyaasaa kamirraayyuu bilisa ta'ee seeraa fi qaama biyyaaleessaa qofa hordofee akka socho'u taasisuudha.
Waraana ammayyaa keessatti baay'ina meeshaa qofaan otoo hin ta'in teeknooloojii fi odeeffannoon injifachuun waan murteessuuf, Humna Qilleensaa Ittisa Biyyaa teeknooloojii waraanaa ammayyaa, Xiyyaarota ammayyaa Dironii fi nageenya Saayibariitiin cimsuun danda'ameera.
Dhaabbanni qorannoo fi warshaaleen ittisa biyyaas akka ciman taasifamuun hirkattummaa alaa irraa bilisa ta'uun danda'ameera.
Kunis raayyaan keenya birmadummaa biyyaa amansiisaa ta'een akka eeguu fi naannicha irratti dhiibbaa gaarii akka uumu dandeessiseera.