Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) bulchiinsi Ministira Muummee Itaalii Joorjiyaa Meeloonii milkaahina seenaa qabeessa galmeesseef maqaa Mootummaa fi Uummata Itoophiyaatiin baga gammaddan jechuun ergaa dabarsaniiru.
‘Bulchiinsi keessan milkaa'ina seenaa keessatti isa guddaa ta’e galmeessisaa jirutti, isin baga gammaddan.' Jedhaniiru.
Akka hoggantun dubartii cimtuutti, hoggansi Ministira Muummee Itaalii Joorjiyaa Meeloonii fagoo ilaalu, seenaa Itaalii ammayyaa keessatti tasgabbii gita hin qabne fideeras jedhan ergaa isaaniitiin.
Kutannoon kun sadarkaa addunyaatti dhaloota hedduu kan kakaasu qofa otoo hin taane, hariiroo dippilomaasii Itoophiyaa fi Itaalii gidduu jiru caalaatti cimsuu keessatti shoora ol’aanaa taphachaa akka jiru eeran.
Hariiroo fi tumsi cimaan gama hedduu Itoophiyaa fi Itaalii gidduu jiru cimee itti fufa jedhan ergaa karaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii qoodaniin.
“Waliigaltee fi tumsa waloo, kan kabaja walii irratti hundaahef iddoo guddaa kennina. Isinii fi uummata Itaaliif nagaa fi badhaadhina itti fufiinsa qabu hawwina” jedhaniiru Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD).