Barbaaduu

Paartileen siyaasaa 11 gamtaa waloo hundeessan.

Aug 20, 2025

Dhaabbatni Dimokiraatawaa ummata Kafaa, Paartiin Dimokiraataa Gaamoo, Paartiin Adda Bilisa Baasaa Affaar, Paartiin Biyyoolessaa Agaw, Paartiin Dimokiraatawaa Tigraay, Dhaabbanni Dimokiraatawaa Ummata Doongaa, Sosochiin Dimokiraatawaa Ummata Gaambeellaa, Paartiin Magariisaa Kafaa, Paartiin Haqaafi Dimokiraasii Agaw, Paartiin Dimokiraatawaa MOCHA, Sosochiin dimokiraatawaa Saba Argobbaa, gamtaa waloo hundeessaniiru.
‎Yaa'iin hundeeffama gamtaa Paartilee siyaasaa kanniinii walitti qabduun boordii filannoo biyyoolessaa Meelaatwarq Hayiluu, walitti qabaan mana maree paartilee siyaasaa Salamoon Ayyalaa fi hoggansi fi bakka buutonni paartilee siyaasaa kanniinii bakka argamanitti adeemsifamaa jira.
‎Koreen qindeessaa gamtaa Paartilee siyaasaa gamticha hundeessuuf maaliif Akka barbaachise waltajjicharratti beeksiseera.
‎Gamtaan Paartilee siyaasaa hundaa'e ergamoota gara garaa paartilee kanniiniifi biyya fayyadu ni raaw'ata jedhameera.
‎1. Aadaa siyaasaa biyyattii ammayyeesuu,
‎2 .Wal qixxumaa mirkaneessuu,
‎3 .Heera mootummaa kabachiisuu,
‎4 . Wal amantaa ummataa uumuu,
‎5 . Madaala aangoo eegsisuu,
‎6 . Dhaabbilee dimokiraasii walabaa uumufi dorgomummaa paartilee siyaasaa cimsuu,
‎7. Olaantummaa yaadaa aangomsuu,
‎8. Hirmaachisummaa fi hunda galeessummaa paartilee siyaasaa mirkaneessuu,fi ergama, ergamoota biroo raawwachiisuu ni bahata jedhameera.
‎Walitti qabduun boordii filannoo biyyoleessaa Aadde Meelaatwarq Hayiluu paartileen siyaasaa gamtaa waloo biyyaaf bu'aa akka buusaniif isaan dandeessisu uumuu isaaniif galateeffatan.
‎Boordiin filannoo biyyoolessaa deeggarsa paartilee siyaasaaf taasisuu cimsee kan itti fufu ta'uus ibsaniiru.
‎Walitti qabaan mana maree waloo paartilee siyaasaa Salamoon Ayyalaas haasawa deegggarsaa taasisaniin, manni maree isaanii gamtaa Paartilee siyaasaa hundaa'eef tumsa itti fufaa ni taasisa jedhaniiru.
‎Ababaayyoo Kafaniitu gabaase