Qaammeen 1 «Guyyaa Omishtumma» jedhamuun yeroo kabajamu, madaallii imala keenyaas ta'ee mul'ata fuulduree keenyaa ni yaadanna.
Seenaa fi idaan dinagdee dhaallee guddaadha; adeemsa suutaatiin badhaadhina mirkaneessuun waan hin danda'amneef, kalaqaa fi saffisaan utaaluun dhimma filannoo miti.
Jijjiirama gama Qonnaa, Indaastirii, Albuudaa fi Galii walitti qabuutiin bu'aan qabatamaan argameera.
Misoomni Qamadii, sosochiin "Itoophiyaan Haa Omishtu", Ashaaraan Magariisaa, Misoomni Kooriidarii fi Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Guddicha xumuruun agarsiistuu utaalcha kanaati.
Riifoormiin dinagdee gooroos sharafni biyya alaa akka dabalu, galiin mootummaa akka babal'atu fi al-ergiin akka dadammaqu gumaacheera.
Qormaata uumamaa fi nam-tolchee dandamachuudhaan milkaahina kanaan gahuun danda'ameera.
Utalcha kana fufsiisuuf dhaabbilee ammayyaa fi sirna dinagdee-siyaasaa tasgabbaahe ijaaruun dirqama.
Tokkummaa fi kutannoodhaan hojjechuun dhaloota dhufuuf Itoophiyaa badhaatuu fi kabajamtuu dabarsuuf waadaa keenya ni haa haaromsinu.
Ediitooriyaalii EBC Dotstream