Barbaaduu

Ibsa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa - Omishtummaan Olka’iinsa Waaraaf

Sep 06, 2026

Baga guyyaa omishtummaatiin isin gahe! Omishtummaan sadarkaa irra jirru irraa gara ol’aanaatti ce'uudha.
Itoophiyaanoonni hiyyummaa keessaa suuta bahuu waan hin dandeenyeef jijjiirama omishtummaa galma godhatanii hojjechaa jiru.
Ba’aa idaa hir’isuu, galii guddisuu, dandeettii indaastirii fi Albuudaa fooyyessuudhaan jijjiiramni galmaaheera.
Humni raawwachuu mootummaas daran cimeera; milkaa'inni kun fooyya’iinsa dinagdee gooroo, tajaajila mootummaa fooyyessuu, hirmaannaa lammiilee, sirna daldalaa iftoomina qabu fi dippilomaasii faayidaa biyyaaleessaa irratti xiyyeeffateen argame.
Itoophiyaan Albuuda seeraan fayyadamuu eegalteetti; anniisaa haaromsuun naannoof madda taateetti.
Omishaalee indaastirii gabaa addunyaatti dhiheessuufis humna horatteetti.
Bara 2018 galmi biyyaaleessaa kan milkaahe yoo ta'u, bara 2023tti biyyattii Afrikaatti fakkeenya badhaadhinaa gochuuf tattaaffii godhamuun yeroon milkaahinaa dhihaachaa jira.
Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa