Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Qaammee 1 Guyyaa Omishtummaa sababeeffachuun ergaa dabarsaniin, “abbootiin keenya daangaa Itoophiyaa dhiiga fi lafee isaaniitiin eeggatanii biyya guddittii nuuf dabarsaniiru” jedhaniiru.
“Har'a ammoo birmadummaa dhugaa mirkaneessaa kan jirru kadhaa fi hirkattummaa irraa bilisa ta'een karaa haaraa fi seenaa qabeessa keenyaani” jechuun eeran.
“Doolaara miiliyoona hedduun Qamadii alaa galchuu irraa kaanee, har'a Afrikaa keessatti omishtoota Qamadii sadarkaa jalqabaa ta'uudhaan baasii Doolaara miiliyoona hedduu oolchuu dandeenyeerra” kan jedhan Ministirri Muummee, "Maaddii Guutuutiin" wabii nyaataa mirkaneessaa, sosochii "Itoophiyaan Haa Omitu" jedhuun indaastiriiwwan haaraa babal'isuu fi carraa hojii uumuudhaan birmadummaa mirkaneessaa jiraachuu yaadachiisaniiru.
Kanaan dura murtiiwwan fooyya’iinsa dinagdee gooroo ulfaatoo fi tuqamuu hin dandeenye jedhaman kutannoodhaan hojiirra oolchuun, dinagdee biyya keenyaa bu'uura cimaa irratti ijaaraa jirra jedhan.
Milkaahinnooni gurguddoon kunneen hundi Itoophiyaan qormaatawwan keessoo fi alaa muudataniin otoo hin jilbeeffatin kutannoodhaan imaluu danda'uu ishee kan mirkaneessan ragaawwan jiraatoodha; imalli omishtummaa keenyaa kun bara dhufuuf abdii guddaadha jedhaniiru Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ergaa isaaniitiin.