Itoophiyaan qabeenya Albuudaatiin badhaatuu taatus, waggoota hedduudhaaf faayidaa dinagdeetiif oolchuu irratti garuu daangeffamtee turteetti.
Haa ta'u malee, fooyya’iinsa itti fayyadama qabeenyaa fi tarsiimoo haaraatiin dameen Albuudaa utubaa dinagdee biyyaa ta'uudhaan as baheera.
Raawwiin dhiheenya kanaa akka agarsiisutti, bara haaraa 2019tti damichi gara sadarkaa ol’aanaatti kan cehu ta'a.
Bara bajataa 2018 keessa sharafa biyya alaa argamee fi Albuudota indaastirii alaa galan omisha biyya keessaatiin bakka buusuudhaan bu'aan seenaa qabeessi galmeeffameera.
Keessattuu Dhagaa Cilee fi galteewwan indaastirii biyya keessatti omishamuun Doolaara biiliyoona hedduu oolchuu fi madaallii daldalaa sirreessuu keessatti shoora guddaa taphateera.
Fuuldurattis Albuuda dheedhii qofa erguu irraa gara omisha sona dabalataa qabuutti jijjiiruuf tarsiimoon qophaaheera.
Kunis sharafa alaa dabaluu fi carraa hojii uumuudhaan indaastirii biyya keessaa cimsa.
Warqii, ‘Marbilii’ fi Albuudota ammayyeessuuf teeknooloojii fi invastimantii dhuunfaatiin deeggaruun hojjetamaa jira.