Itoophiyaan Qaammee 1 "Guyyaa Omishtummaa" sababeeffachuun firii guddinaa fi milkaahina seenaa qabeessa galmeessite yaadachaa jirti.
Milkaahina kanaanis sirni galii fi gibira walitti qabuu biiliyoonaa irraa gara tiriiliyoonaatti cehuun birmadummaa dinagdee fi bilisummaa faayinaansii biyyattii mirkaneesseera.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) gabaasa bara bajataa 2018 Mana Marii Bakka Bu'oota Uummataatiif dhiheessanii turaniin, Itoophiyaan waggoota 27 keessatti galii waliigalaa birrii tiriiliyoona tokko guutuu hin dandeenye walitti qabde jechuu isaanii ni yaadatama.
Bara bajataa 2018 keessa qofa garuu, haala seenaa qabeessa ta'een birrii tiriiliyoona 1.5 walitti qabuudhaan caalmaa dhibbeentaa 150 ol galmeessuu dandeesseetti.
Guddinni kun teeknooloojii dijitaalaa fayyadamuu, seera gibiraa fooyyessuu fi bu'uura taaksiisaa babal'isuun argame.
Gibirri dijitaalaan karaa intarnetiitii kaffalamu kun gibira dhoksuu hambisuu fi bu’aa bahii kenniinsa tajaajilaa damee kana keessattu muudatu hir'iseera.
Galiin kaffaltii gibiraa guddate kunis pirojeektota gurguddoo akka misooma kooriidarii, tajaajila fayyaa, barnootaa fi Hidha Haaromsaa Guddicha xumuruuf humna ta’uudhaan dandeettii uumeera.