“Haaromsi Aadaa Oromoo gulantaa sadiin gaggeeffamaa kan jiru yoota'u, inni duraa, shaakalliiwwan aadaa fi duudhaa uummataa dhiibbawwan turaniin dimimmisan bakkatti deebisuu, qorachuu, beeksisuu, misoomsuu fi gulantaa ittaanuuf qopheessuudha.
Kanaanis aadaa fi beekumsa xabboo tursiisuu, seenessa sirreessuu, guddina dinagdee, aartii, miidiyaa, hogbarruu uummataa beeksisuun akkasumas, dhaloota ofta’ee umuuf mootummaan tarkaanfii isaa hunda keessatti hojjachaa kan jirudha.”