Barbaaduu

Warraaqsa Mijooma Jallisii Itoophiyaa:- Heektaara kuma 400 fi kuma 90 irraa gara miiliyoona 2.7tti kan guddatee fi mul’ata heektaara miiliyoona 10 gahuu kan qabu

Sep 06, 2026

Itoophiyaan Qaammee 1 "Guyyaa Omishtummaa" yeroo kabajtu, qabeenya bishaan Abbayyaa, Oomoo, Gannaalee, Baaroo fi Awaash gara omishtummaa dhugaatti jijjiiruu ishee beeksisaati.
Waggoota Shantamman darban keessa (1960–2010) lafti jallisiidhaan misoomuu danda'e heektaara kuma 400 fi kuma 90 qofa ture.
Amma haala seenaa qabeessa ta'een dachaa shanii ol guddachuudhaan heektaara miiliyoona 2.7 irra gaheera.
Milkaahinni kun omisha Qamadii bonaa, hidhawwan jallisii, teeknooloojii Paampii fi hojiiwwan lagawwan jallisuudhaani kan argame.
Ministeerri Jallisii fi Naannoo Gammoojjii mul'ata gudaa qabachuudhaan hanga lafa jallisiidhaan misoomuu gara heektaara miiliyoona 10tiitti guddisuuf hojjechaa jira.
Hangi lafa jallisiidhaan misoomuu heektaara miiliyoona 10 yoo gahe, omishni qonnaa dachaa sadiin kan guddatu waan ta'eef, waggaa keessatti yeroo sadii omishachuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuu fi Itoophiyaa guubdoo dhugoomsuu dandeessisa.
Kunis xinsammuu hirkattummaa cabsuudhaan dinagdee of danda'e ijaaruu agarsiisa.