Qaammee 1 "Guyyaa Omishtummaa" yeroo kabajnu, agarsiistuu guddaan tokko jijjiirama aadaa fi ilaalcha lammiilee irratti dhufe ibsuudhaani.
Kana dura sirni gibira walitti qabuu seeraan dirqisiisuu fi too’annoo irratti kan hundaahe waan tureef, hariiroon kaffalaa gibiraa fi sasaabduu ture walsodaachuu fi shakkkiidhaan kan guutame ture.
Haa ta'u malee, fooyya’iinsa tarsiimoo mootummaan taasiseen xiyyeeffannoon gara hubannoo hawaasaa olkaasuu fi eeyyamamummaadhaan gibira kaffaluutti jijjiirameera.
Kunis beeksisa miidiyaa, waltajjiiwwan marii, barnoota gibiraa sirna barnootaa keessatti hammatchiisuu fi kaffaltoota amanamoo ta'an ammoo sadarkaa Ministira Muummeetiin beekamtii fi badhaasa kennuudhaan bu’aa argamedha.
Kaffaltoonni gibira otoo hindirqamsiifamiin fedhii isaaniitiin sirna dijitaalaatti fayyadamanii gibira kaffaluun isaanii daran dabaleera.
Sirni ‘E-Tax’ jedhamu hojii salphisuu, yeroo fi baasii qusachuu akkasumas shakkii gocha malaammaltummaa hir'isuutiin amantaa hawaasaa cimseera.
Gibira kaffaluun adabbii otoo hin taane dirqama lammummaa fi invastimantii biyya ijaaru ta'uun amanamuun isaa birmadummaa faayinaansii biyyaatiif shoora guddaa qaba.