Barbaaduu

Imala Haaromsa Itoophiyaa fi Shoora Tarsiimoon Damee Albuudaa omisha biyya keessaatiin bakka buusuu keessatti qabu

Sep 06, 2026

Itoophiyaan imala haaromsa hundagaleessaa haala qabatamaan agarsiisaa jirti.
Fooyya’iinsi dinagdee gooroo, misoomni kooriidarii fi xumuramuun Hidha Haaromsaa Itophiyaa Guddichi, agarsiistuu boqonnaa haaraa badhaadhinati.
Fooyya’iinsa dinagdee biyya keessaa haaraatiin Albuunni Qonna, Indaastirii, Tuuriizimii fi Teeknoolojii waliin utubawwan dinagdee gurguddoo shanan keessaa tokko ta'uun adda baheera.
Bara bajataa 2018 keessa dhaabbilee fi omishtoota aadaa irraa Warqii toonii 44 ol gabaaf dhiheessuun sharafa alaa Doolaara biiliyoona 5.7 argachuun danda'ameera.
Kunis Kontirbaandii saaxiluudhaan galii Baankii Biyyaaleessaa cimseera.
Sharafa alaa argamsiisuu malees, Albuuda dheedhii alatti erguu irraa gara galtee indaastirii biyya keessatti jijjiiruutti cehaamaa jira.
Qophiin Warshaa Dhagaa Cilee Warqii, Seeraamiksii, Simintoo, Gaazii Uumamaa fi Xaa'oo saffisaan ijaaramaa jiru.
Pirojeektonni gurguddoon kunneen omisha alaa galu bakka buusuu, carraa hojii uumuu fi indaastirii biyya keessaa cimsaniiru.