Barbaaduu

Jilli Ol'aanaan Pirezidaanti Taayyee Atsqa Sillaaseen durfamu Dubaayi dhaqe

Sep 06, 2026

Jilli ol’aanaan Pirezidaanti Taayyee Atsqa Sillaaseetiin durfamu Yaa'ii Invastimantii Addunyaa (AIM Congress) Emereetota Arabaa Gamtoomaniitti taa’amu irratti hirmaachuuf galgala kana Dubaayi dhaqeera.
Qondaaltonni ol'aanoon biyyattii jila Pirezidaanti Taayyee Atsqa Sillaaseen durfamu haalaan simateera.
Yaa'iin invastimantii kun Qaammee 2 hanga 4, 2018tiitti Wiirtuu Daldala Addunyaa Dubaayitti taa’ama.
Yaa’iin Invastimantii (AIM Congress) A.L.A bara 2011tti hundeeffame kun, tarsiimoo dinagdee guddisuu fi carraawwan omishtummaaf mijeessuu irratti kan hojjetu ta'uun eerameera.
Yaa'ii kanaan hoggantoonni biyyootaa, hoggantoonni dhaabbilee daldalaa gurguddoo, warri imaammata qopheessan, saayinsessitoonnii fi qooda fudhattoonni bakka tokkotti mari'atu.
Hirmaattoonni Yaa'ii 15ffaa baranaa kunneen, dhimmoota dinagdee dijitaalaa, misooma waaraa fi michooma tarsiimoo irratti xiyyeeffachuun ni mari'atu jedhamee kan eeggamu ta’uu, odeeffannoon Tajaajila Oduu Itoophiyaa ni mul’isa.